Hachalu Hundessa - Maalan Jira Text

Songtext zu Maalan Jira


Laal Galoo too,
Gullaalleen kan Tufaa
Laal Galoo too,
Gaara Abbichuuti turii
Laal Galoo too,
Galaan Finfinnee maarsee
Laal Galoo too,
Silaa akka jaalalaa
Laal Galoo too,
wal irraa hin fagaannuu
Laal Galoo too,
Jarati nu fageessee (X2)

Diiganii gaara sanaa, Gaara diigamuu hin-mallee,
Nu baasaan addaan baanee, nuu addaan bayuu hin-mallee.

Soorettii haadha sooree, irbaanni-rra-buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii, kan gar gar nu baasan jaraa—yii

Koo Galaanee tiyyaa,
Qotiyyoon abbaan didaa, yaa didaa harqootaa keessaa,
Koo Galaanee tiyyaa,
Qorra baraan dadhabee, morma kee jalattan dheessaaa…!!
Koo Galaanee tiyyaa,
Sululta loon hin tiksuu darabaatti galchiiraa,
Koo Galaanee tiyyaa,
Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa.

Maalan jiraa, maalan, jiraa, maalan jiraa,
Yaa Gaa-laa-nee
maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Ani hin jiruu… Ani hin jiruu,
Ani hin jiruu Yaa Gaalaane,

Ani hin jiruu
Kukkutee na nyaate xurii
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Yaa Gaalaanee,
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee, Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa
caccabsee na nyaatee jiraa

Laal Galoo too,
Gullaalleen kan Tufaa
Laal Galoo too,
Gaara Abbichuuti turii
Laal Galoo too,
Galaan Finfinnee maarsee
Laal Galoo too,
Silaa akka jaalalaa
Laal Galoo too,
wal irraa hin fagaannuu
Laal Galoo too,
Jarati nu fageessee (X2)

Diiganii gaara sanaa
Gaara diigamuu hin-mallee
Nu baasaan addaan baanee
nuu addaan bayuu hin-mallee.

Soorettii haadha sooree
irbaanni-rra-buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii
kan gar gar nu baasan jaraa-yii

Koo Galaanee tiyyaa
Farda siidaaf kaafanii, siidaa dabaliif suurii
Koo Galaanee tiyyaa
Erga nu dangeessanii barri turee buubbulee
Koot Galaanee tiyyaa,
Woddeessi ciraa gubee, Amboo irraa calaaqqisee
Koot Galaanee tiyyaa
Narraa fagaattee jedhee si yaaduun kiyya yoom hafee??

Maalan hafee, maalan…hafee, maalan hafe
yaa Gaalaanee..
Maalan hafee, Caccabsee na nyaate lafee…….!!
Ani hin jiruu, ani, hin jiruu, Ani hin jiruu,
Yaa Gaalaane
Ani hin jiruu
Kukkutee na nyaate xurii
Cuwwaa cuwwaa jettii, simbirrooni halkanii,
Yaa Gaalaanee,
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii
Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Maalan jiraa Maalan jiraa
Maalan jiraa Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa
caccabsee na nyaatee jiraa

Ani hin jiruu, Ani hin jiruu
Ani hin jiruu yaa Gaal-aanee
Ani hinjiruu kukkutee na nyaatee xurii…
Qotee qotee namichi, sanyii darbatee
yaa Gaalaane,
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee
Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa, caccabsee na nyaatee jiraa.




Hachalu Hundessa - Maalan Jira Songtext

zu Maalan Jira von Hachalu Hundessa - Maalan Jira Lyrics Hachalu Hundessa - Maalan Jira Text Maalan Jira Hachalu Hundessa Maalan Jira Liedtext Noch keine Übersetzung vorhanden. Musik-Video-Miniaturansicht zu Maalan Jira Songtext von Hachalu Hundessa

Video zum Maalan Jira


Maalan Jira Songtext von Hachalu Hundessa


Andere Songtexte und Deutsche Übersetzungen

von Hachalu Hundessa

Beliebt Lyrics

Frank Zappa - Bobby Brown Goes Down Songtext

Frank Zappa - Bobby Brown Goes Down

Songtext & Übersetzung
JOE COCKER - Unchain My Heart Songtext

JOE COCKER - Unchain My Heart

Songtext & Übersetzung
GENTLE GIANT - Aspirations Songtext

GENTLE GIANT - Aspirations

Songtext & Übersetzung

Beliebt Neu Songtexte